Borxaa Jechuun maal jechuudhaa? Borxaan Eessatti argamaa?

  

                                          HIDHAA NAM-TOLCHEE BORXAA




Godinni Qellem Wallaggaa iddoowwan hawwata tuurizimiif oolan kan uumamaa fi nam- tolchee ta’an hedduu qabaachuun beekamti. Isaan keessaa muraasni hidha laga borxaa, paarkii dhaatii walal, holqa karra qawwee, finca’aa qexoo,tulluu walal, dhagaa roobaa, dhagaa wal-baataa fi kkf kaasuun ni danda’ama. Barruu gabaabduu kanaan iddoowwan hawwata tuuriizimii kan Magaalaa guddittii godinichaa Dambi doolloo keessatti argamu seenaa hidha nam tolchee hidha laga Borxaa jedhamuu isin biraan geenya

Magaalaan Dambii Doolloo bakkeewwanii fi iddoowwan hawwata tuurizimii qabdu keessaa tokkoo hidha nam-tolchee laga Borxaati. Hidhi Borxaa kun bara 1979 irraa eegalee hidhamuu akka eegale maanguddootni ni dubbatu. Bakki argama hidha kanaa magaalaa irraa tilmaamaan kiloometirii sadii(3km) kan fagaatee jiru yeroo ta’u, bara 1978 -1979 tti mootummaan yeroo sanaa fi dhaabbati beetel sinoodosii dhihaa waliin ta’uun bifa duula hojii misoomaatiin uummata hirmaachisuun hidhi kun akka hundeeffame. 

Hidhi borxaa kun Tilmaamaan lafa hektara saddeet (  akka ta’e, bal’inni dalga hidhichaa 150m, qabee 50,000m3, Bal’ina bo’ii bishaanii hidha olii fi gadiitti qotamee 6km, Gadii fageenya/depth 12m sirri Galaanaatii gadi akka ta’e dokumentiin dhaabbata beetel sinoodosii dhihaa bara1979 hidhichaaf qophaa’e ni ibsa .

Kaayyoon gurguddaan Hundeefama hidha borxaa kanaa waa gurguddaa sadii (3) kan of keessatti haammatudha, isaanis: inni 1ffaan Hojii misooma jalliisii geggeessuun ummati magaalaa Dambii Doolloo fi naannoo ishee jiraatu miidhaan nyaatatiin akka of danda’u taasisuu,inni 2ffaan Hojii misooma magaariisa fi Horsiisa Qurxummii geggeessuu fi inni 3ffaan Tajaajila Bishaan Dhugaatii uummataa magaalaa Dambii Doolloo tiif dhiyeessuuf akka ta’eedha. Tajaajila kana kennuu cinatti Yeroo dheeraa booda hidhi Borxaa kun dabalataan akka iddoo bashananaattii kan fayyaduun galii argamsiisaa tureera. 

Moggaasi maqaa isaatiis, akka namoonni tokko tokko jedhanitti:_ Bor du'i ykn bor xa'aa jedhi waan jedhu irraa akka dhufetti dubbatuu.

Booda garuu hojiin bifa misoomaatiin hojjetama ture sun hafe dhaadannoo <sertoo le migib > ykn ‘’hojjetanii nyaachuu’’ jedhuun uummanni fedha isaatiin hojjetee akka irraa fayyadamuuf hojichi hanga xumuramutti kan itti fufe ta’uu ni dubbatama.Hojii kanaas tilmaamaan hanga nama dhibba lamaa fi isaa olii itti bobbasanii hojjechisaa olanii tilmaama dadhabbii hojii guyyaa tokkoo qamadii kilo ja’a (6kg) ykn kubbayyaan safaramee kennamafii ture. Kanumarraa ka’udhaan namooti bakka amma hidhi kun irratti hidhamee jiru Laga Qamadii jedhanii waamaa akka turan maanguddootni ni dubbatu. Egaa bakki bishaan kun itti hidhamu waggaa lamaaf erga qootamee caaffeen keessaa badee booda cirracha jala isatti naquun bara 1980 keessa xumuramee gammachuu piroojektii kanaafis jiraattota Aanaa sayyoo fi magaalaa D/Doolloo hundi waamamanii sirna ho’aan eebbisiisaniiru.

Hidha kanaafis ijaarsa daandii gara hidhichaa geessu hojjechuuf, daagaa qochisiisuuf, bo’ii qochisiisuuf, qarqara naannoo hidhichaatti dhagaa fi saaphana shiboon hidhuuf,manneen garagaraa fi mooraa hojjetootaa ijaaruuf, riqicha ijaarsisuu fi kkf namoota hojicha irratti hirmaataniiif waliigalaan qamadiin kg. kuma dhibba 3f kuma 73 fi 391 ta’uu kan kennameef ta’uu maddi ragaa dhaabbata sinoodos irraa arganne nii ibsa. 

Naannoo Hidha Boorxaa kana misoomsuuf Hojii Misooma Magariisaa fi Hawwatummaa Tuurizmii yeroo Sana hojjetame ture ilaalchisee hojiin dhiqama biyyee ittisuuf daagaan naanna’ee erga qootame hidhamee biqilaan gosa gara garaa kanneen akka Gaatiraa, Sootalloo,Laaftoo, Shuwaashuwwee dhabaamanii, akkasumas fuduraaleen firiin isaanii sooratamu kan akka Goozuu, Baddeessa, Hudhaa, Mangoo, Paappayyaa, fi Avookadoo naannoo sana dhaabamanii hawwataa gochuudhaan qilleensa qulqulluu fi mijaataa uumuudhaan akka nama simatan yadannoo yeroo dhiyoo ture. 

Akkasumas,Manneetiin xixiqqoon faayyamanii ijaaramuun tajaajila iddoo boqonnaa kennaa turaniiru. Kanamalees yeroo sana hidha sana irratti bakki itti misiroon laman yeroo cidhaa suuraa ka’an hojjeetame tajaajila kennaa tureera. Dabalataanis bishaan ciisu kun bu’aa malee hin taa’in jechuun qurxummii gosa 3 Ziwaayi fi Sabbataadhaa fichisiisuudhaan qurxummii nyaataaf ta’an itti horsiifamee tajaajila gahu kennaa akka ture fi naannoon kun hawwatummaa qabu irraa kan ka’e galiin achiirraa argamaa ture. 

Akka walii galaatti Hidhi Borxaa kun erga hidhame tajaajila gosa gara garaa tajaajila Iddoo bashananaa, tajaajila bishaan dhugaatii, Tajaajila misooma jallisii fi Horsiisa Qurxummii kennuun hawaasa naannichaa akka fayyadaa ture ni yaadatama. Haata’u malee yeroo ammaa abbummaan kunuunfamuu dhabuu irraa kan ka’e kaayyoo hundeeffameef galmaan ga’aa hin jiru. kan duraan mukeen gosa garagaraa fi fuduraalee adda addaan miidhaganii qilleensa qulqulluu fi madaala uumama akka eeguun uummata magaalattiif tajaajilaa turan yeroo ammaa kunuunsaa fi Eegumsa Dhabuu irra kan ka’e tutuqaa, manca’insaa fi sababa lafa qonna babal’ifannaa irraa kan ka’e xiqqatee hanga sadarkaa bakka irratti hidhame jiru sana irraa dhabamuu irra gahee jira. Kun immoo hirmaachisummaan hawaasichaa hidha kana akka qabeenya isaatti fudhatee eeguu, kunuunsuu, misoomsuu fi beeksisuu irratti ga’ee inni qabu gadi bu’aa ta’uu irra darbee miidhaa irratti qaqqabsiisaa jiraachuun isaa hudhaa fi yaaddoo isa guddaadha.

Gara fuulduraatti hidhi kun deebi’ee ijaaramu fi haroomsamuuf hirmaannaa qaamolee gara garaa kanneen akka mootummaa, dhaabbilee miti mootummaa, hawaasa naannoo, dhaabbilee tola ooltotaa, abbootii qabeenyaa waan barbaaduuf isaan hirmaachisuun misoomsuu, akkasumas qabeenyi kun osoo sirnaan kunuunfamee beeksifamee, naannoo keenyarra darbee qabeenyaa akka biyyaatti bu’aa argamsiisuu danda’an ta’uu fi burqaa madda galii ta’ee ofiin of kunuunsuu irra darbee dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuu waan danda’uuf xiyyeeffannoon itti kennamu qabaan dhaamsa keenya.


HORAA BULAA!

Madda Internet irraa.


Comments