Kutaa 1ffaa
DEEMSA SHAGGAR
Manni keenya Finfinnee, Magganaanyaatii kaa’anii ituu CMC hin ga’iin naannoo Jack-Kiros’tti argamaa. Naannoon keenya baayyee calleensa qabaa. Anis kanaaf yeroo hundaa gara galgalaa qaamakoo dhiqadhee, uffatakoo jijjiirradheen qofaakoo irraan gadee Jack-Kiros gara Garjiitti deemsa (walk) godhaa, baayyees hin deemuu Xiqqooma deemeen muka guddaa an jaalladhu tokkotu daandii cina jiraa. Muka sana jala taa’een konkolaataa babbareedaa, Jaalalleewwan nama hin agarre, walii walii isaanii keessati of-argaa deemanfaa ilaaleen hawwaa. Ayi anaa, ayi qofummaa, Hiyyeessi foolii quufa inni jedhan anaaf jedhamee. Isa isaan
wal dhungutan an taa’ee afaan mimmiiyeeffadhaa, 'earphone'n Sirba jaalalaa dhaggeeffachaa shaggariin gaafan adeemuu yaa awwaara miillakooti shan taate na dura yaatii mammagaallan biyyakootii......... Sagaleen kiilolee sirba Alii kun jaalallee an tokkoyyuu hin qabne yaadaan shan godhee na dura yaasaa jiraa. .
Ituun taa’ee jaalalleewwan fuulleekoo taa’anii
walqirqidan tokko ilaalee isa isaan achii walqirqidan an asii taa’ee kolfuu,
shamarreen waan agarsiisa Faashinii agarsiisuuf deemaa jirtu fakkaattu tokko
dhuftee;
“Obbolee gara Faawunteenitti daandiin kun na geessaa?” harka isheen rifeensa ishee, mataa ishee irraa
bakki hankaakee, fuula ishee irra danbali’uuf deemu gara gurra isheetti harkaan
deddeebisaa, harka isa tokkoon immoo bilbila ofitti qabaa, anaanis na millachaa na gaafattee.
“ Faawunteen…..Faawunteen…Faawunteen…”
An ofumaan afaaniin irra deddeebi’ee Faawunteen jedha malee yaadaa fi
qalbiinkoo ijakoo waliin bareedina qaama ishee irra asii fi achi fiigaa jiruu.
Uffata ishee bifa ammayyaan hodhamee boca qaama ishee waliin sirriitti wal haammatanii
jiran sun qalbii na hataniiruu, Haammadhu haammadhu nama godhaa.
“Hin fagaataa laata as irraa, Taaksiin deemuu?” gaafa
isheen irra deebitee jettu xiqqoo ofitti deebi’een
“Hin fagaatu anuu sin geessa asumaa ”
“Asumamoo?”
“Eessa jette ammatii?”
Gaaffii isheen na gaafatte na harkaa bade, anaan gaaffii bareedduun kun harra
eessaa baate, isayyuu lafa deemaa dhufte, gaaffii jedhu keessa galeeraa.
“hhh bakka hin beekne dhiyoodha jettamoo? Faawunteenin
jedheem”
“ Beekam sobeeti malee, asuma
dhiyoodha irraan gadee kana buutee” jedhee gara mirgaatti gortee akka isheen Faawunteenitti
baatu dubbachuuf jedheen, yoon hunda isaa itti hime gargaarsakoo hin barbaaddu kun
jedhee yaadeen.
“Daandii isa jalqaba gara bitaatti goru bira dabartee,
ammas isa lammaffaa gara mirgaatti goru bira dabartee……. Uyii kun si rakkisuu
danda’a sin geessa malee”
“Natti himi na hin rakkisuu” bilbilli ishee bilbilamnaan kaastee
“Eyyee naannoma sanan jira, qax jedheeman gadi dhufaa?,
eyyee nama gaafadhee dhufaan jiraa” bilbilaan haasoftii
Isa bilbileefii
qax jedhii gadi kottu jedhuun, keessakootti qaxii si’aa kotu jechaa.
“kottu daandichi namaaf hin galuu, anaanuu guyyaa tokko
Boontuun, ihii Boontuun obboleettiikootii, achitti waamee jennaan daandii
wallaaltee hammam rakkattee namni fidee” Boontuu mucaa jedhamtu guyyaa tokko
Hoteela Faawunteenitti beellameen turee.
Ishee waliin isan deemaa jiru keessakootti of-jajaan
jiraa. Ituu hiriyyoonnikoo waliin na arganii hedduun gammadaa keessumaa mucaan
safara keenyaa Kuulleen ituu na agartee keessasheetti ibiddi qabatee natti tolaa.
Maal ta’a waaqayyo ituu Kuullee natti fidee
jechaan deemaa.
“anis eko guyyaa tokko dhufeen turee, garuu
konkolaataan waan ta’eef bakka isaa hin qabannee” jettee
“Konkolaataan
gaafa deeman daandiin namaaf hin qabamuu,
as irra gadi gorraa” karichuma
sobee walxaxaa gochuuf jedheen gadi gorra jedhe malee karaama sirrii irra deema jirraa.
Mucaan hiriyyaakoo Firaa’ol daandiima irra deemaa jirru sana cinaan kutaa
tokko kireeffatee galaa. Gidduu waan galeef furtuun isaa na harka jiraa. Kanaaf
sammuunkoo bakka lamatti wal hiree
mormii jalqabeeraa.
Bilbilli ishee bilbilamee
Bilbila Kaastee “geenyeerra, mucaa na fidaa jirutu
jiraa, isayoo hin beekuu” …………..
Itti Fufaa…………………….Guyyaa borii nu eegaa.
Barreessaan Daanlolaa
Waarii
Finfinnee 1/26/2022
#AsoosamaAfaanOromoo
#Mammaaksa
#Hibboo
#OduuDurii
Comments
Post a Comment