GOOGLE AFAAN OROMOO

 






Hiikaa Google “English’ irraa gara Afaan Oromootti hiikama jiru irratti haa hirmaannuu. Afaankoo nan jaalladhaan, Afaankoon nan boonan Afaan qofaan ta’uu hin qabuu. Hojiinis agarsiisuu qabnaa. Keessumaa namoonni dandeettii Afaanii qabdan irratti hirmaadhaa. 

Hirmaannaa gochuuf :

1. Google Chrome seenaa

2. Email (Gmail) keessaniin Login godhaa

3. liinkii kana seenaa, https://translate.google.com/ liinkii kana seenuf filannoo hedduu gargaaramu dandeessu. Fkn, liinkima kana irratti cuqaasuu ykn asirraa laalun saanduqa search keessatti barreessuu.

4. Contribute kan jedhu seenaa (suuraa asii gadii ilaalaa)

4. Setting > Languages > Gadi bu’aa Oromo filadhaa

5. itti aansun Suuraa asii gadii qalbeeffadhaa

6. Bakka xiyyi agarsiisu ilaalun gara English – Oromo tti jijjiiraa

7. Bakka halluu magarisaan haguugame yoo tuqxan kanneen namootni biroo hiikan akka gulaaltaniif isin gaafata. isin kan sirrii ta’ee LIKE kennituuf, kan sirrii hin taane DISLIKE kennituuf. yoo hin beekne SKIP tuquun gara itti aanutti dabartu.

8. Bakka halluu cuqulisaan haguugame yoo tuqxan Himoota Afaan English isiniif fidaa, gara Afaan Oromootti akka hiiktan isin ajaja. ni dandeessu yoo ta’e irratti hirmaachun gahee keessan bahattu.



Comments

Post a Comment