METAVERSE maal of keessatti qabatee dhufee?

 



METAVERSE jechuun maal jechuudhaa?

METAVERSE maal ofkeessatti qabatee dhufee?

Waggaa dhiyoo asitti addunyaan fakkii dijitaalaan walarguu(Virtual World) hedduu dabalaa dhufee. Kana keessatti qooda guddaa kan xabate Mark-ZuckerBerg abba argannoo Facebook durii fi abbaa Metaverse ammaa kanaa. Metaverse MarkZuckerBerg jedhu amma kun maaliidhaa?

 

Metaverse akka yaadaatti erga ka’uu jalqabee waggoota hedduu lakkoofsisee jiraa. Yaadi kun akka scientific fiction ta’ee bifa fiilmin dhiyaataa turee. Fiilmii Matrix jedhufaa keessatti Wantoonni yaada Metaverse kana waliin walfakkaatan hedduutu turee.  

Addunyaa Metaverse keessatti fuullee taa’anii fuullee interneetaa keessatti of ilaalu fi nama ilaaluu osoo hin taane fuullee sana keessa seenanii waan fuullee sana keessa jiru dhandhamanii, waan fuullee sana keessa jiru waliin dubbatuu. Addunyaan dijitaalaa Metaverse gara fuulduraatti uumuuf deemu kun addunyaa dijitaalaa kan durii irraa baayyee addaa. Waan dur facebook irraa  suura isaa ilaaltu gara fuulduratti MetaVerse keessatti waan qaamaan cina dhaabattee ilaalaa jirtu sitti fakkaataa.

Addunyaa Dijitaalaa dhufuuf deemu kana y eroo fayyadamtu isa fayyadamaa waan barbaaddu hojjechuu dandeessaa. Fakkeenyaaf Game namoota bakka garagaraa jiran waliin xabachuu dandeessaa. Teenisii xabatta yoo ta’e akkuma isa lafarraatti Raaketii fudhattee dirree sentee xabattaa. Ituu Tenisii xabattuu yoo sitti toluu dide isa dhiistee hiriyyaakee waliin mana shubbisaa(concert) deemuu dandeessa achiis baatee mana fiilmii deemuu dandeessaa. Addunyaan askeessatti keessa jiraattu addunyaa namtolcheedhaa yookiis Simulated World isa jennuudhaa. Waan kana namoonni Vitual Reality Video Game xabatanii beekan sirriitti hubachuu maluu.

Metaverse kun dirree(platform) tokko qofa irratti kan hundaa’ee hojjetame mitii.  Gaddidduu addunyaa isaa dhugaa kan ta’e Yookis Virtual reality irraa gara 3D’tti, 3D irraa gara 2D yookiis iskiriina bilbila harkakee irra jiruu gidduu deddeebitee waan fayyadamuu dandeessuudhaa.

Metaverse kun ammaaf wantoota muraasa qofa qabatee asba’ee jiraa, kan hafan waaggoota dhufan keessatti itti dabalaa akka deeman dubbatu hojjetoonni kaampaanii sanaa. “Kan du’a ture waa arga” Jedhanii du’a nu haa tursuu.

 

Gaaddisaa Taasisaatiin

Maddi Dirree Interneetaa.

#Metaverse- beyond(greek word)

Comments

Post a Comment