Hantuuta Beektuu Laataa?

(Gaaddisaa Taasisaatiin)

 


Bar tokko baran waggaa tokkoffaa(Fresh) ta’ee Yuunivarsiitii jiru  nan yaadadhaa. Akkuma beekamu waggaa jalqabaa, yeroo jalqabaaf waan maatii irraa fagaataniif, warri nu dura Yuunivarsiitii dhaqanii galanis beela malee quufti akka hin jirre waan namatti  odeessaniff, yaaddoo beela sanaa; nyaata ituu hin alaayiin umurii dheerata jedhamee yaadamu waanti manatti  hafu hin jiruu. Anis galaan guurradhee dhaqe keessaa gaafan beela’u warra miyooftuu fi warra bishaan fiduu, bulbuluu wantoota garaagaraa hin gaafanne, daftee nama qaqqabdu kan akka cuuqqoon lookerikoo banee qoqonxoradhaa, ituuma isheen natti miyooftuun olkayaa, yoo isheen diddee ilkaan jalaa natti mimiyooftes ka’een dabalee qonxoradhaa. Ituman akkasiin qoqonxoradhuu, qonxorraan cumboo fixaa akkuma jedhan sana cuuqqookoos na jalaa fixee.Isa haa fixu malee!

 

Egaa erga cuuqqoonkoo dhumtee bassoo bulbuluutti darbuun hin hafuu, Guyyaa tokko galgala muca hiriyyaakoo tokko waliin ‘Space’ teenyee dubbisaa turree, waan beelofneef  bassoo bulbulachuuf  deemnee bishaan keenya buufannee amma doormii geenyutti ariifannee deemnee, doormii geenyee, Sukkaara keenya gadi fudhannee,  gaafa dursinee  bishaanii fi sukkaara walitti bulbuluu jalqabnu ijoolleen ollaas dhagaa’anii dhufanii. Inni kaan siree irra nammee taa'ee akka itti bulbulamuu gorora coccobsaa yaada kennaa,Inni kaan dhaabbatee isa bulbulu ijaan caqasaa. Nu keessaa Barataan  tokko ka’ee   peestaalii bassoon itti naqamee lookerii keessa jiru   hiikuuf jedhee  waatu keessaa sosocho’a jedhee baqatee irraa deebi’ee, Hundumtuu walii isaa baruuf gara peestaalii sanaatti suuta miilla fuudhee gaafa peestalichatti mukaan xiqqooshee buunu dhuguma waatu keessaa bangal bangal jedhaa. Hundumtuu ituu waan achi keessa jiru rukutuuf inni kaan kophee guddaasaa, inni kaan muka harataa qabatee, bakka bakka qabannee  marsinee erga dhaabannee booda, gaafa mukaan peestaalii hudumnu hantuuti  inni hamma manaa ga’u bassoo mataan fuudhee gadi nutti utaalee. Jalqaba  naanee irraa siqnee, isa booda hundumtuu rukutuuf itti fiigee, utaalee  Siree jala seenee, mukaan horfinee siree jalaa baasnaa, siree yaabbatee uffata qorraa marmaratee jala nu dhoqachuu yaadaa, rukunnee gadi buusnaa, balbalaan ba’uuf ka’aa, isa balbala dura jirutu saggoosaa rukutee deebisaa.Daawwitiin foddaa isa inni ifuuf banaadha se’ee karaa sana ba’uuf ka’aa mucucaatee  lafatti dob jedhaa. Gara itti ba’u dhabee, akka marfamee jiru baree, akka ba’uu hin dandeenye baree, Akka boolla dheessuuf qotate seenuu hin daandeenye baree, abdii kutatee, hin raata’ee, hin joonja’ee, hin burjaaja’ee. Gaafa gamuuf,  akka waan ilkaan isaan of irraa nu deebisuu danda’uu ilkaan isaa yaafatee nutti  fiiguu jalqabee, takka natti utaalaa, rukutamee deebi’aa, takka isa gamaatti utaalaa rukutamee deebi’aa. As utaala achi utaalaa, gama hundaanuu gara du’aatti utuu utaaluu  ulee keenyatti dirmee du’ee Hantuuti sunii. Ayi hantuuta bassookoo nyaatee fixe sanaa!, bassookoo nyaachuu isaa caalaa, du’uu isaa caalaa akka inni itti du’etu na dhibee. Isa inni  du’a baqatee jalaa ba’uu akka hin dandeenye gaafa bare   du’a baqachuu caalaa du’atti fiiguu jalqabe sanatu harrallee borillee na kofisiisaam yaa jamaa.


#Breakingnews

#Oromo

#tigrayethiopia

 

Comments