MIRRIYSAA/ MIRRIGA AADAA OROMOO FUGUG /HARARGEE

 MIRRIYSAA/ MIRRIGA AADAA OROMOO FUGUG /HARARGEE

<><><><><><><><><><>
Oromoon Gadaa qaba ,Afaan qaba, Aadaa qaba ,Seenaa qaba,Heera qaba, seera qaba , duudhaa qaba ,Safuu qaba.
Gosti Oromoo Fuuguug \Harargees Sirna Gadaa Odaa Bultumiin heera tumatee ,seera muratee ,Gumii Raabaa Dooriitin Hayyoota Gadaatiin wal taligaa ture.Gaaddisa kana jalatti Gootummaan lolanii lolchiisuun ,cinatti bifa afoolaatiin cunqursaa fi roorroo, Gaddaafi Gammachuus ta'ee Abdii horannaa karaa Geerarsaafi Mirriysaan ,Shoobdoofi Dhiichisaan ,Walaloofi Walleen, Shaggooyyeefi Heelleedhaan ergaa dhuka qabduun dabaalee iyyee iyya dabarsuun wal dadameeysaa dhalootaa dhalootatti dabarsa .Mirriysaaniis gosoota afoolaa keeysaa tokkoo san keeysaa muraasni kunooti.
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
" Kadhataan saree jibbaa
Gowwaan keessummaa jibbaa
Nama niitii wayyaatu
ollaa dardaraa jibbaa
namni waan fedhu dhabe
mataa ofiituu ni jibbaa
aadaa isaa beekuu dhiisii
maqaan isaatuu ni dhibaa
kan aadaa isaa tuffatu
kan seenaa isaa tuffatu
qiciiccaa lammii tiyyaa
anas garaan na jibbaa "
~~~~~~~\\~~~~~~~
" Leenca gamma hin qabanii
Nama nyaataaf dhabanii
Arba oloo dheeysanii
Nama reebaaf dhabanii
Gaangee cancalli citee
Tan fuuloon ciccitee
Mogolee maa sakaalanii
Loon abbaan tiksu hateef
Gosa maaliif yaamanii
Jiraa maa si saqanii
Eegee gaalaa coqqollee
Abbaan of dhaaduu tollee. "
◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇
" Muka mukaa guddaa
Hadaammin baala qabduu
Hiddiin hidda qabduu
Diddiimtuun akka qabduu
Yaaboo haati kabajaa qabduu
Mee keessa ilaalaa
Teenya Shanyii kabajaa qabduu.
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••
" Harree duugdi moluudhaa
Dalluu baaftii hin eeganii
Gaala mataan moluudhaa
Gaafa baaftii hin eegani
Gowwaan hededa jigee
Baasaa tolaa hin eeganii.
▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎
" Bobbaan Jaldoo waldhabee
Booyraa garaan gunuunaa
Bobbaan gaalaa walbaddee
Qoqaa garaan gunuunaa
Bobbaan lammii wal bade
Jiraa garaan gunuunaa
Bobbaasee walii galchee
Tiksee waliin barbaadee
Guyyan heeraa kunoo
Gunuunummaan raawwatee "
*****************************
"Umar kuulleen Fadisii
Abdulleen Hammarreessaa
Quufaanii kafranaanii
Rabbiin namaan balleeysaa
Qamadiin boollaa taanee
Garbuun beegala taane
Waanumaan boolla taanee
Guddisa ilmaa taanee
Maaluumaaf lafa haanee "
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
Tofik Yousuf iin( Jiraa Sabaa )
Dec 18/12/2021
Finfinnee ,Oromiyaa .

Comments