Leza show


 Lazaa showuun waan Oromoo fayyadu tokko hin qabuu. Oromoo keessaa namoonni bekamtii social media qaban waan kana afarsaa jiruu. Website waan sun irratti dorgomsiifamaa jiru kan Habashaatii. Akka barbaadan gochuu danda'uu.

Jarri hanguma namni waan sana filachuuf linkii sana banee website seenuun qarshii argataa deemuu. Oromoo ofan beeksisaatti hojii jaraa beeksisaa jiraa. dorgommii akkasii ofumaa qopheessuudha malee dorgommiin habashaa waliin ta'u kun nurraa dhaabbachuu qabaa. Warri gabaa jaraa dhaqanii achitti kottaa jedhanii nu waamanis nurraa dhaabbachuu qabuu. Hanga yoomiitti habashaan muka safaraa  keenya nuuf taa'anii isaan bira of qabne of madaallaa. An isuma habashaan afarfamuu barbaadan na jibbisiisaa. 

warri dhimma kana irratti bobbaa'anii filadha jedhan baayyeen isaanii kaffalameefii ta'uu malaa, warri kaan garuu waliisaa ituu hin beekiin website alagaa beeksisaa jiruu

Comments