Seenaa Gabaabaa Jaal Battee Urgeessaa



Jaal Battee Urgeessaa bara 1979tti ganda baadiyaa Baqalee iddo adda Boqotaa jedhamuutti  abbaa isaa Obbo Urgeessaa Bulaa fi haadha isaa Aadde Godaanoo Bobaa irraa dhalate.

Batteen akkuma ijoollee baadiyaa kamiiyyuu jabbilee fi loon maatii isaa tiksaa guddate. Akkuma umriin isaa barnootaaf gaheen mana barumsaa Baqaleetti bara 1989tti barumsa isaa tokko jedhee jalqabe. Barumsa isaa kanas achuma ganda Baqaleetti hanga kutaa 4tti erga barateen booda, gara magaalaa Maqiitti galuun Mana Barumsaa Maqii Giddu-galeessaatti kutaa 5 - 8tti barate. Kana boodas Mana Barumsaa Maqii Kaatolikiitti kutaa 9 - 12 barate. Yeroo kanattis hiriyoota isaa waliin ta'uun hojii sabaaf faayidaa qabuu fi fakkeenyummaa guddaa qabu garagaraa irratti hirmaachuun beekama.


Fakkeenyaaf, Waldaa Walgargaarsa Barattoota Oromoo hundeessuu fi geggeessuun adda duree ture. Akkasumaas karaa hafuuraatiinis wangeelli saba koo bira afaan isaatiin gahuu qaba jechuun Tajaajila Nahimiyaa jedhu barattoota Kiristiyaanaa Oromoo waliin bu'uuressuun baadiyaa Ona Dugdaa jala jiraan mara keessa naanna’uun Wangeela lallabaa tureera.


Barumsa isaa sadarkaa lammaffaas qabxii olaanaa fiduun bara 2001tti Yuniversitii Baar-Daar seenuun digirii isaa jalqabaa barate.Yeroo Yuniversitii baratu kanattis barnoota isaa cinaatti qabsoo barattoota Oromoo adda dureen geggeessaa kan ture, sochii Fincila Diddaa Gabrummaa geggeeffamaa ture keessatti qooda isaa kan ba’atee fi hanga hidhamuu fi qaamaa miidhamuutti aarsaa kan kaffalee dha.

Bara 2005tti digirii isaa jalqabaan eebbifame. Erga achii bahees bara 2005 hanga 2006tti Kolleejjii Harraambeetti, Bara 2007 Kolleejjii barnoota fagoo Qiddist Maariyam Adaamaa fi Mana Barnoota Sadarkaa 2ffaa Donbooskoo, akkasumas Bara 2008 irraa eegalee immoo Kolleejjii Fayyaa Kiyaameed galuun hojii barsiisummaa hojjataa ture.

Osooma achi jiruu hojii isaa cinaatti barnoota Health Officer Kolleejjii Fayyaa Kiyaameed fi Ikonomiksiidhaan Yuniversitii Wallaggaa irraa eebbifame.


Hirmaannaa qabsoo karaa nagaa filachuunis bara 2010 KFO bakka bu'uun dorgomee isaafis aarsaa guddaa uummata isaatiif kaffalee jira.

Bara 2013 magaalaa Adaamaa dhufuun Baankii Daldala Itoophiyaa osoo hojjatuu digirii isaa 2ffaa Yuniversitii Arsiitti MBA baratee eebbifame.

Gita hojjii garagaraa hojjachaa turuunis qabsoo ummata isaatti ifaan makamee aarsaa adda addaa kaffalaa tureera.


Keessattuu bara 2018 irra eegalee dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessatti yeroo isaa guutuu kennuudhaan dirqamoota dhaabni itti kennu bahataa, sadarkaa hooggansaatti tajaajilaa ture. Sababoota adda addaan hanqina humna namaa mudateen 2020 kaasee hanga gaafa hidhamuutti Sab-quunnamtii yeroo ABO tahuun hojjetaa ture.

Jaal Battee Urgeessaa Bitootessa 20, 2021 jaallan isaa manneen hidhaa magaalaa Buraayyuutti argaman dubbisuuf akkuma achi gaheen bal’eessaa tokko malee qabamee achuma Buraayyuutti hidhame. Mana hidhaa Buraayyuu irraas hidhamtoota kaan waliin fuudhamee Awaash Malkaa Sa’aatti hidhame. Achittis hanga lubbuu baasuu ga’amutti reebichi ulfaataan hidhattoota mootummaan irratti raawwatame. Achi irraas mana hidhaa Galaan Sololiyaatti dabarsamuun rakkachaa ture. Hiraarsaa fi qabamaa hamaa manneen hidhaa keessatti isaan mudateen dhibee hamtuuf saaxilamee achi irraa gara Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti jaallan isaa faana deebifame. Dhibee Tiruu ulfaataaf waan saaxilameef lubbuu isaatiif sodaachisaa jala wayta gahu Bitootessa 14, 2022 bahee mana waldhaansaa seene.


Jaal Batteen dhibee isaa irraa xiqqoo erga wayyaawees dirqama dhaaba irraa itti kennamu osoo ba’ataa jiruu ammas marraa biraaf Guraandhala 22, 2024 dharaan yakkamee qabamee hidhamuun booda irra mirga wabii maallaqaan gadhiifame.


Jaal Batteen hidhaa irraa bahee osoo yeroo dheeraa hin fudhatin Ebla 10, 2024 magaala Maqii cinaatti ganda Qorkee Adiitti ajjeefamee argame.

Jaal Batteen Aadde Sintaayehu Anbassee waliin gaa'ela dhaabbatee abbaa ilma tokkoo fi ijoollee durbaa sadi’ii ti.


Sirni awwaalchaa Jaal Battee Burgeessaa guyyaa har’aa Ebla 11, 2024 bakka dhaloota isaa magaalaa Maqii Waldaa Warra Wangeelaa Masarata-Kiristoositti bakka maatiin, firootni, jaallan qabsoo fi ummatni argametti raawwatamee jira.

Waaqayyo maatii fi firoottan isaatiif akkasumas hiriyoota isaa, jaallan qabsaawotaa fi ummata Oromoo bal’aa isa jaalatuuf jajjabina haa kennu jenna.

 

Qabsa’aan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!

 

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Ebla 11, 2024,Finfinnee!

Comments